Ilma kaayyoo yeeah
Reebee Lola farda yaabee
Diina mataan gadi dhaabee
Lugna hin qabdu durbbaaf dhirrii
Giimiidhumaa biyyaaf mirrii
Gootni iluu saambee oolee
Madfii malee diina lole
Loltuu biyyaa abbaa daalee
Gootummaan kee hunda caalee
Si cabsuudhaf martus kiyyoo
Awwallattus qottee biyyoo
Ol utaalttus gaara baatee
Xaliyaaniin madfii kaastee
Fachaa kastee geerartekaa
Mataa diina facaafteekaa
Numa lolta sin qaqqaban
Taankiif madfiin sidadhaban
Saambee saambee saambee ×2
Eeboo keetiin daaraa gootee
Gamtaan loltee diina moote
Gola diinaa hunda galta
Goraadeedhaan diina qalta
Sin dandenyee humni dachaa
Gotnii duruu gootaa dhalchaa
Hundeen guddaa sanyii caalii
Saambee Jira dhaqi laalii.