Ooo oo aa jedhimee
Jaldee mana pool
Jaldee mana mukaa
Siinan jedha jaldee na dhageessaa laata
Atis miliishaa taata kilaashii ol fuuta
Deemta ganda keessa nama dhiitaa
Atoo waan akkanaayyuu hin jibbitaa hin jibbituhoo
Jedhimee jedhimee kottu hasaasi odeessi
Miliishaa nuuf taata nu saamtaare laata
Siinan jedha Jaldee
Jaldee mataa gufuu
Ermoodhaaf Inookeen
Harkakeetti kufuu rukutamaa dhufu
Dhiiti kolaasi lolaasi lafarra
Itti kofalle irratti gororra
Inookee isa jazbaa Inookee isa faaraa
Durba sodaatu bara nama hin taatu
Haasofsiisullee baqatu Argees hin nyaatu
Callisee odeessuu hin dhiisu oduusaa
sobasaa sirbeetuman baasa
Nan yaasa nan kaasa oduusaa
Ooo aaa wayyoo
Jaldee jaldee jedhimee odeessi maqaasaa
Maafan hasaasa miliishaa taanaan
Nuuf baata rasaasa
Karaasaa qofaasaa nu baasa
Yaa jalduu biiroo
Jabaa tahuukeen olkaasa
Nan baasa nan yaasa ijaasaa
Oo Aaa jedhimee jedhimee jedhimee
Daddabali