Walaloo haadhaa
-----------------------------
Harmeekoon siin jedha,
harmee gaafa maraa
Harmee haadha gootaa,
harmee haadha dhiiraa
Eenyuun sin qixxeessu,
homtuu sin madaalu
Uumaadhaan gaditti,
uumamni sin caalu
Tulluu mara caaltee,
olbaatee mul'attaa
Fuulakoo ilaaltee,
fedhii koo hubattaa
Ofitti na qabdee,
dhalakoo naan jettaa
xurii fi furrii koo,
wajjin nadhungattaa
Gammaduukoo malee,
gadduukoo hn feetuu
Guddisakoof jetteeti-
agabdee kan eeltuu
Jechan dhabe ayyo,
jechan siin madaalu
Dhumakee haa tolchu,
uumaan hundaa caalu
Gadaankee dheeratee
siif haa tolu barri
Umuriidhaan turii
naaf filadhu arrii
Turus guyyaa tokko
gatiikee nan baasaa
Cabakees wal'aanee
imimmaankees qoorsaa
Gochaaf amala koo
hundumaa dandeessee
Naaf jiraadhu HARME
yaa ishee na deessee ×4✍️
Firaafis Ahmed...... kan biraas isiniif dabala