Duraan si jaalallee
gafaa ati joolee
onnee tiyyaa keessa
dararatee yaddate
naf tattaa jadhee
Eggaree dhaf si kayye
Bultii wajjin jarraa
ani fadhii tiyyaa
Hawwii tattee haftee
yaadafi niyyaa tiyyaa.
Illii Urgooftuu yaa dararaa biraa
urguun foollii keetii Shittoo shittoo dha'aa
mee natti assiqqii si dhiyyadheen ta'aa
Gadi tayi mee kotuu
Takka nan dubbaadhuu
Attuudhaa battaadhun
Sagalee tettee laftuu
Saniin nan dubbaadhu
Jachoonni kee daammaa
mii'a akkaa sukkarra
Seeqa kofala kee
Qalbii tiyya dawwaa
Battiriii ija keettii, mashoo gamaa iftuu
Sif m marata malee namuu si argattuu~~